Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Mootummaa naannoo Gambeelaa nagaa fakkeessuuf waltajjii Ministeera Geejjibaa fi Damee Dhiyeessii geggeessanis, naannicha keessatti lolli fi walitti bu’iinsi gosaa itti fufee jira

ONM-ABO Caamsaa 28, 2024

Murni faashistii PP diraamaa impaayerattiin nagaadha jedhu hojjechuu itti fufuun Jilli Ministeera Geejjibaa fi Damee Dhiyeessii Dr. Alamuu Simeen durfamu waltajjiidhaaf xumura torbee darbee yeroo magaalaa Gambeelaa seenan, godinootaa fi aanaalee mootummaa Gambeelaa keessatti walitti bu’iinsi gosaa fi wal waraansi itti fufee jira.

Kana malees magaalaan Gambeelaa sababa namootni bilxiginnaa diraamaa siyaasaa hojjechuuf xiyyaara qabatanii baasii olaanaan achitti argamaniif humni waraanaa, poolisiin federaalaa fi naannoo Gambeelaa magaalattii keessatti eegumsa jabeessuun hawaasa hojii idilee isaanii irraa eessa dhaqxu, eessaa galtuu fi eenyummaa kee nuuf himi jechuun gaaffiin qoraa fi qabanii aduu keessa Sanbataa fi Dilbata darbe teessisaa turan.

Sababa aanga’oota murna bilxiginnaaf karaa cufuu fi eegumsa jabeessuun waanuma baratameedha kan jedhe jiraataan magaalaa Gambeelaa tokko, waan kana gaafachuunis ta’e mormuun nama hiisisa jedhe.

Naannoo Soomaaleetti gaazexeessaan Muhaaddin Mahaammad rakkoo daandiin cufamuu yeroo aanga’ootni bilxiginnaa naannoolee daawwatan mudatu hordofuun fuula Facebook isaa irratti isa qoodeef hidhaa waggaa lamaan waan adabameef namootni waa dubbachuu ni sodaatu kan jedhe ammoo dargaggeessa magaalichaati.

Oduu biraatiin ammoo naannicha keessatti walitti bu’iinsi gosoota Nuweerii fi Anyuwaak gidduu jiru akkuma itti fufetti jira. Walitti bu’iinsi kun jabaachaa deemuun gochootni lachuu qawwee sirnaan hidhatanii of jabeessuun guyya guyyaan walitti dhukaasaa fi saboota biroo gidduu isaaniitti illee miidhaa lubbuu irraan ga’u.

Murni bilxiginnaa loltoota Itoophiyaa madaalu ijaarree jirra jechuun dubbii Ajajaan olaanaan ABO-WBO Eebba WBO bara darbe Ebla 4, 2023 geggeeffame irratti ABO-WBO’n waraana Oromoo madaalu ijaaraa jirra jedhu gara galfatee kara Jeneraal Ababawu dubbatus, waraanni isaa naannoo Gambeelaa keessatti gosoota Nuweer daangaa Sudaan Kibbaa Ce’anii dhufan waliin wal lolaa jira.

Gareen hidhattoota Nuweer kun guyyaa dheengaddaa humna isaanii meeshaa waraanaa gurguddaa waliin qindeessuun aanaa Funyuudoo irraa kiiloomeetira 70 kan fagaattu bakka Chukaalaa jedhamtu seenuun isaa qondaaltotni aanichaa mootummaa Gambeelaaf gabaasuun, humna dabalataas akka erganiif gaafatan.

Dhimma nageenyaa fi daddabarsa meeshaalee waraanaa ilaalchisuun torbee darbe koomishanarri poolisii federaalaa Itoophiyaa Damballaash Gabiramikaa’elii fi kan Sudaan Kibbaa irraa argaman Inispekter Jeneraal  Atiim Maarool waliigaltee isaan waliif mallatteessine jedhan osoo hin qoorre kun mudachuu keessa beektotni dubbataniiru.

Exit mobile version