Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa keessatti miliishonni sirnichaa dargaggoota humnaan  butuun gara leenjii waraanaatti ergaa jiraachuun himame

ONM-ABO Adoolessa 15, 2023

Sirni moonaan qabsoo isaa harkaatti hongaa’e qaamni waraanaa harkaa diigamaa jiraachuu hubate bilxiginnaan dargaggoota humnaan ukkaamsee gara leenjiitti erguu itti fufee jira.

Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Sayyoo Nooleetti milishootni sirna nama nyaataa kun ilmaan Oromoo ol aadeemtoota ta’an ganda irra deemuun humnaan funaanee gara waraanaatti ergaa jira.

Kaleessa Adoolessa 14, 2023 osoo haati deesse duukaa boossuu dargaggoota humnaan walitti qabuun konkolaataatti fe’anii gara magaalaa aanichaatti deemanii jiraachuu maddeen keenya gandoota irraa gabaasaniiru.

Murni bilxiginnaa aanichaa karaa waajjira bulchiinsa fi nageenyaa yeroo garaagaraatti beeksisa baasaa  turus, dargaggoonni Oromoo moonaa sirna nama nyaataa kana tiksuuf fedhii dhabuu irraa kan ka’e irratti hirmaachuu waan didaniif gara dirqamaatti jijjiiruun, dargaggootaa fi barattoota umriin isaanii leenjii loltummaaf hin geenye ukkaamsanii gara leenjiitti ergaa jiru.

Akka maddeen keenya gabaasanitti karoorichi olii akka ba’ee fi dargaggoon manatti argamuu akka hin qabne karoora sirnichaa waan ta’eef, dargaggoonnii fi barattoonni Oromoo bakka jirtanitti of eeggachuu qabdu jechuun dhaamsa isaaniis dhaammataniiru.

Exit mobile version