Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellam Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo keessaa loltoonni bilxiginnaa dargaggoota humnaan ukkaamsuun leenjii milishaatti guuraa jiru

ONM-ABO Fulbaana 14, 2024

Murni bilxiginnaa waggoota aangootti dhufee kaasee diina dargaggoota Oromoo ta’uun karaa tokkoon humnaan qabee ukkaamsuun teessoo isaa dhiigaaf lafee isaaniin yoo eegsifatu karaa biraan ammoo siyaasa kiyyatti buutan jechuun ija maatii duratti rasaasaan waadee ajjeesaa jira.

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti loltoonni bilxiginnaa impaayera kufte deebisanii utubuuf ilmaan Oromoo humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguun dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun rakkoo hamaa irraan geessisaa jiru.

Haaluma kanaan magaalaa Dambii Doolloo keessaa loltoonni bilxiginnaa dargaggoota humnaan ukkaamsuun leenjii milishaatti guuraa jiru.

Magaalicha keessaa yeroo addaa addaatti irra deddeebiin dargaggoota magaaluma keessa deemanii fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’an fedhii isaanii malee afaan qawwee itti qabanii humnaan ukkaamsuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguu kan amaleeffatan loltoonni bilxiginnaa, yeroo ammaa kanas haala adda ta’een guyyaa kaleessaa Fulbaana 13, 2024 dargagoota akka malee qabuun gara leenjii milishaatti ergaa jiraachuu dargaggoonni magaalichaa dubbisne ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version