ONM-ABO Adoolessa 19, 2023
Garbummaa jaarraa tokkoo fi walakkaa saba Oromoo irraa fonqolchuuf erga qabsoo hidhannoon Oromiyaa bilisummaa fi walabummaa argachuu qabdi jedhee dargaggoota waraanummaan leenjisuu irraa duubatti kan deebine dhaabichi har’as dargaggoota of kennoo sabichaaf ga’oomsee baasee jira.
ABO-WBOn mooraa zoonii giddu galeessaattu torbee kana kaadhimamtoota leenjii siyaasaa fi waraanummaa yeroo dheeraaf kennaafii ture mooraa afur keessatti barnoota xumursiisuu beeksisee jira.
Leenjifamtootaaf leenjii ga’umsa qaamaa, loltootummaa, barnoota siyaasaa, seenaa saba Oromoo fi heera akkasumas danbii naamusaa irratti barnoota kennamuu isaa qondaaltotni WBO eebbicha irratti argaman ibsuun daandiin mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabachiisan hidhannoo qofa ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis ABO-WBOn qeerrowwan Oromoo sabaaf of kennan hedduu simatee akka leenjii kennuufiin sirna bilxginnaa kuffisuuf bobbaasu yaadachisaniiru.

