Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee keessatti dargaggoota hojii hin qabne walitti qabuun farra riphe lolaa taasisanii bobbaasuuf akka jiran saaxilame 

ONM-ABO Adoolessa 19, 2023

Baha Wallaggaa Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee fi naannawaa ishii keessatti daballoonni PP hattoota maqaa WBOtiin gurmeessanii bobbaasuun uummata saamsisaa fi doorsisaa kan jiran yoo ta’u, gochaa isaan godhan kanaan uummanni WBO akka balaaleffatuuf yaadamee akka ta’e barameera.

Gidduu kanatti ammoo dargaggoota hoji barbaadan magaalaa Naqamtee keessa jiran hojii isiniif uumna jechuun erga walitti qabaniin booda leenjii tokko malee farra riphe lolaa jechuun bobbaasuuf akka jiran maddeen keenya gabaasaniiru.

Akka maddeen keenya jedhanitti dargaggoota baay’inaan 100 ta’an maqaa hojii isiniif uumna jedhuun erga walitti qabaniin booda WBO fakkeessuun bosonatti galchanii hojii gara jabeenyaa hawaasa keenya irrattis raawwachiisuuf akka jiranis hubatameera.

Qarshii guddaa kennaniifii bobbaasuuf jiru kan jedhan maddeen keenya, hojii faallaa qabsoo bilisummaa hojjechiisuuf waan jiraniif uummanni keenya hubannoo kana qabaatee, of eeggannoo gochuun eeruu WBOf kennuu akka qaban dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version