ONM-ABO Waxabajjii 23, 2023
Bulchiinsa magaalaa Sabbataa keessatti dabballoonni magaalichaa hojii isiniif uumna jechuun dargaggoota magaalichaa erga gurmeessaniin booda, leenjii gaachana Sirnaa fudhachuu qabdu jechuun dirqamaan qabanii leenjii eegalchiisanii jiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo magaalaa keenya weeraruuf jedha, isin dargaggoonni nu waliin jirtan akkaataa dhukaasaa barachuun magaalaa keenya eeguu qabdu jechuun Bulchiinsa Magaalaa Sabbataa keessatti kaadiroonni warra gurmaa’ee hojii dhuunfaa hojjetaa jiruu fi kan hojiitti seenuuf eeggataa jiran akka dirqamaan leenjii gaachana sirnaa leenji’an gochaa jiru.
Dargaggoota gurmaa’uun bakka dhaabbii konkolaataa sirreessan (Parking), eegumsa irratti bobbaa’anii kan jiran, interpiraayiziin gurmaa’uun mana daldalaa xixiqqaa fudhatanii hojii eegalanii jiranii fi gurmaa’uun hojiitti seenuuf eeggataa warreen jiran dirqamaan qabuun gara leenjii kanaatti erganii kan jiran yoo ta’u, leenjichis Waxabajjii 20, 2023 magaaluma Sabbataa keessatti jalqabee jiraachuu maddeen keenya gabaasaniiru.
Akka maddeen keenya jedhanitti ammas ittuma fufuun dargaggoota manneen barnootaa dhuunfaa gara garaa baratanii fi kanneen jireenya dhuunfaa isaanii jiraatan faayidaan sossobuun gara leenjii kanaatti seensisuuf magaalaa keessa bobba’anii hojjetaa jiraachuu dubbachuun maqaa gaachana sirnaa jedhuun dargaggoota qabanii gara humna raayyaa ittisa impaayerittiitti makaa jirus jedhaniiru.

