ONM-ABO Bitooteessa 22, 2024
Akkuma Dargiin bara badiisaa jala ga’u ilmaan haadha hiyyeessaa dirqamaan adda waraanaatti guuraa ture sirni bilxiginnaas yeroon badiisaa itti ga’utti, uummata dirqamaan adda waraanaatti guuruun akka kufaatii irraa isaan oolchutti fudhachuun, qonnaan bultootaa qabee hanga dargaggootaatti adda waraanaatti guuraa jira.
Uummata nagaan hojii isaa geggeeffachuun maatii isaa guddifatu siyaasa itti hidhuun boodarra ammoo rakkoo adda addaa keessa galchee dararuuf karoora jabaa sirnichi qabatee gadi ba’eedha jechuun jiraattotni ONM dubbise tokko tokko dubbatu.
Torbanoota kana irraa kaasuun magaalaa Baddeessaa keessatti namoota dirqamaan baay’inni isaanii 350 ta’an leenjii gaachana sirnaa leenjitu jechuun fedhii namootaa malee leenjisaa jiraachuu jiraattonni dabaluun ibsaniiru.
Uummata Oromoo balleessee baduuf karoora jabaa qabatee kan dhufe koloneel Abiy Ahimed tartiibuma sanaan uummata nagaa balleessuuf duula dargii sana fakkeenya godhachuun uummata adda waraanaatti ergee ficcisiisuuf itti deemaa jira.

