Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Bulchiinsa Magaalaa Sandaafaatti Konkolaachiftoonni Baajaajii “leenjii milishaa dirqamaan” akka fudhatan Ajajaman

ONM-ABO Amajjii 2, 2025

Akkaataa qajeelfama kanaatiin, konkolaachiftoonni baajaajii fi gaarii fardaa hundi ganama sa’atii 12:30 hanga 3:00’tti “leenjii tika nageenyaa” akka fudhatan ajajamaniiru. Qajeelfamni kun tajaajila geejjibaa irratti dhiibbaa uumeera jechuun jiraattotni magaalaa Sandaafaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Jiraattonni magaalattii  akka himaniitti, sababa leenjii kanaatiin Muddee 27, 2024 irraa kaasee hanga Amajjii 9, 2025’tti konkolaachiftoonni baajaajii fi gaarii fardaa tajaajila geejjibaa kennuu dhaabaniiru.  

Magaalattiitti konkolaachisaa baajaajii Leellisaa Maaruu (Maqaan sababa nageenyaaf jijjiirame) ajajni darbe kun galii guyyaa isaa irratti dhiibbaa uumuu hima. “Ani barattoota geejjibuun galii argadha. Barattoota 14 waliinan walii galtee qaba. Haa ta’uu malee, sababa leenjii milishaa kanaatiin kaayyoo koo galmaan gahuu hin dandeenye. Maamiloota kanneen nan dhaba sodaa jedhun qaba,” jedheera.

Leenjiin kun mooraa warshaa omisha meeshaa Anniisaa Aduu Sandaafaa keessatti argamu keessatti akka gaggeeffamu eeruun  hayyama hojii argachuuf murteessaa akka ta’e itti himamuu Leellisaan ni dubbata. Haa ta’u malee, “sababa nageenyaatiiif” kana jedhuun alatti kaayyoon leenjichaa maal akka ta’e ifatti akka hin beekne konkolaachisaan kuni ni hima.

Konkolaachisaan biraa maqaan isaa akka hin eramne gaafate tokkos,”leenjii kana fudhachuu malee filannoo biraa hin qabu, yoon hin fudhadhu ta’e baajaajiin konkolaachisuun maatii koo bulfachuu hin danda’u” jechuun, Sababni leenjichaa ifatti akka itti hin himamin ibsuun waan itti aanee dhufu akka hin beekne kaase.

Jiraattonni Sandaafaa uggurri kun isaan naasisuu himaniiru. Uggurri kun jiireenya isaanii irratti dhiibbaa uumuu dubbatu. Lafa fageenya 3km ga’u barattoota isaanii  barnootaaf geessuuf  baajaajii fayyadaman dhabanii jiraachuun barameera.

 “Sababa baajaajiin waliigaltee waliin qabnu hojii dhaabeef ilma koo waggaa sagalii gara mana barumsaa ofii koon geessuuf dirqame. Baajaajichi sa’atii 12:00 gurbaa koo mana barumsaa geessuuf na gaafatee ture. Haa ta’u malee, sa’atiin kun immoo baay’ee barraaqadha. Haati manaa koo deessuudha. Hojjattuu manaa qacarachuuf humna hin qabnu,” jedheera.

Gaariin fardaa magaalattii keessatti argaman leenjiii kana akka fudhatan waan ajajamaniif tajaajila akka hin kennine ugguramaniiru.  “Leenjii kana fudhannee waraqaa ragaa yoo hin fudhatin hojjachuu hin dandeenyu. Leenjiin kun ganama 12:30 hanga 4:00’tti kennama,” konkolaachisaa gaarii fardaatu akkana jechuun dubbata.

Leenjii kana booda konkolaachiftoonni kunneen hojii tika nageenyaa (roondii) kan tajaajilan ta’uu abbaan gaarii kun himeera. 

Naannoo Oromiyaatti leenjiin dirqamaa akkasii isa jalqabaa miti. Bifuma walfakkaatuun kutaalee Oromiyaa keessatti  qonnaan bultoonni dirqamaan leenjii milishummaa fudhachaa jiru.

Qonnaan bultoonni kunneen leenjii “Gaachana Sirnaa” hin fudhatan yoo ta’e dhiyeessii qonnaa kan akka xaa’oo fi sanyii filatamaa akkka hin arganne taasifama jechuun doorsisaa jiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa (KMNI), gabaasa Muddee 2024 keessa baaseen, taateen dirqamaan leenjii waraanaatti erguu jiraachuu ibseera. Akkasumas, daa’ima waggaa 11 dabalatee rakkoon hidhaa jumlaa fi qe’ee irraa buqqisuu mudachuu eerameera. Namootni ijoolleen isaanii to’ataman gadhisiisuuf kaffaltii qarshii 20,000 hanga 100,000 gaafatamu jechuun isaa ni yaadatama.

Exit mobile version