ONM-ABO Sadaasa 23, 2024
Namni kamuu waan qabutti dhimma ba’ee hojjetatee of jireessuuf mirga guutuu kan qabu ta’us, ergamtootni sirnichaa ilmaan Oromoo abbootii qabeenyaa ta’an irratti xiyyeeffachuun akka waan qabeenya qabaachuun yakka ta’eetti fudhatanii akkaataa saamichaaf isaaniif mijaa’utti karoora baafachuun, yeroo adda addaatti abbootii qabeenyaa ukkaamsanii hidhuun maallaqa humnaa olii afaan qawwee itti garagalfachuun harkaa saamuu fi qarshii hanga jedhaniin yeroo irraa dhabanitti ammoo doorsisa garaa garaa irratti geggeessaa oolu.
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa magaalaa Sanbatee keessatti hidhattootni sirnichaa Sadaasa 19, 2024 irraa eegaluun bifa adda ta’een namoota konkolaachiftoota baajaajii (miilla sadeen) magaalaa Sanbatee irraa gara baadiyyaatti, baadiyyaa irraa ammoo gara magaalaatti geejjibsiisuun jiraattota deddeebisanii of jiraachisaniin, kan baadiyyaatti baatan magaalaa nutti hin seeninaa, kan magaalaa keessa jiraattan ammoo gara baadiyyaatti hin ba’inaa yoo baatan ammoo adabbiin keessan maallaqa humnaa oliiti jechuun sodaachisanii hojii idilee isaanii akka dhaabaniif doorsisaa jiraachuu konkolaachiftoonni kunneen ONM’tti himan.
Akka konkolaachiftoonni kun jedhanitti, baajaajii ( miilla sadeen ) kun magaalaa Caffaa Roobit fi magaalaa Haxaayyee irraa Sanbatee hin seenu, akkasumas ba’uu hin danda’u, baadiyyaa onichaa keessatti argaman cufa kanneen akka Dullaa, Gaanga’a, Warra Leencaa fi Riqicha Caffee keessa baajaajiin socho’aa turan marti magaalaa akka hin seenne dhorkamuun doorsifamaa akka jiran itti dabaluun addeessaniiru.
Gareen saamtotaa murna Bilxiginnaa kun aanaadhuma Jiillee Dhummuuggaatti Sadaasa 18, 2024 hulaa namootaa irra deemuun waltajjii qaamota hunda hirmaachisu akka baatan jechuun dirqiin jiraattota erga baasaniin booda, konkolaachiftoota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota ilaallata jechuun kaffaltii waliin isaa hin beekamne namni tokko qarshii 5000-10,000 akka kaffalaniif dirqisiisanii yeroo jiraattotni amma harkaa hin qabnu jedhaniin, yoo hin qabaanne liqeeffatanii torbee dhuftu akka fidaniif dirqisiifamaa jiraachuu isiniif gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

