ONM-ABO Sadaasa 20, 2024
Impaayera gama maraan jigaa jirtu Itiyoophiyaa deebisanii suphuuf uummata Oromoo afaan qawween doorsisanii saamuu filannoo isaanii isa jalqabaa kan taasifatan hidhattootni Bilxiginnaa saamicha daangaa hin qabne hawaasa nagaa irratti geggeessuu jabeessanii itti fufaniiru .
Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Jiillee Dhummuuggaa gandoota aanicha keessatti argaman cufa keessatti Sadaasa 18, 2024 lukkeeleen Bilxiginnaa hulaa namootaa irra deemuun walga’ii dirqiin uummata baasanii konkolaachiftoota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota ilaallata maqaa jedhuun kaffaltii waliin isaa hin beekamne namni tokko qarshii 5000-10,000 kaffaluu qabdu ittiin jechuun yeroo namoonni nuti qarshii hangasii isiniif kaffaluu mitii ofii keenyaafuu hagabuu bulaa jirra jedhanii wawwaatanitti guyyaa isiniif qabna, torbee dhuftu Wiixata akka fiddan; hin fiddan yoo ta’e waan isin taatan walumaan arguuf jirra jechuun akeekkachiisanii jiraachuu jiraattotni dubbatan.
Akka hirmaataan waltajjii sanaa maqaan isaa rakkoo nageenyaaf jecha dha’amuu hin feene tokko ONM dubbise jedhutti, nuti keessattuu jiraattotni aanaa Jiillee Dhummuuggaa weerara hidhattootni Finxaaleeyyii Amaaraa Faannoon irra deddeebiin nu irratti bananii jiraniin mana ala taanee qe’eerraa buqqa’aa jirra, ooyiruu keenyallee qotannee galfachaa hin jirru, ijoolleen keenya yeroo dhiyootti beelaan akka saaxilaman eegamaa osoo jiruu waan nuti hin dandeenye nutti ramaduun fedhiin lafa abbootii keenya irraa dhaalle nu gadhiisisuuf karoora qophaa’eedha jechuun dubbate.
Itti dabaluunis kun osoo kanaan jiruu murni Bilxiginnaa akkuma qaama impaayerattii bulchu tokkootti hawaasa kanaaf deggarsa taasisuufii osoo qabuu, hulaa keenya irra deemuun dirqiin walga’ii ba’aa jedhu, namni walga’ii isaanii kana hafe deggartoota WBO’ti jedhamee hidhamee ajjeefama waan ta’eef sodaa lubbuu keenyaa baane jedha.
Yeroo baanetti kaffaltii waliin isaa hin beekamne konkolaachiftoota, daldaltootaa fi qonnaan bultootni tokko tokkoon keessan qarshii 5000-10,000 fidaa nuun jedhan, nuti garuu maallaqa sana hin qabnu, hin kaffallu yoo ta’e hidhata WBO qabda jedhamuun ni ajjeefamnaa fi ni hidhamna, kanaaf torbee dhuftutti nuuf qabaniiru, warri hin qabnes namoota irraa liqeeffannee kaffaluuf jirra jechuun rakkoo keessa jiran Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.
Magaaluma Sanbatee keessatti guyyaan Dilbataa gabaa magaalichaa waan ta’eef hidhattootni sirnichaa maqaa qaraxa jedhuun saamicha geggeessaa kan turan yoo ta’u, gaalli tokko qarshii 20 kan ture qarshii 70, qatiyyoon qarshii 15 ture qarshii 50, re’een qarshii 5 kan turte gara qarshii 30-35’tti ol guddisuu fi warroota qullubbii, buna, burtukaanaa fi kkf’n gurguran ammoo guyyaa guyyaatti qarshii 50 -100 kaffaltii waliin isaa hin beekamneen harkaa saamaa jiraachuu jiraattotni kun miira abdii kutannaan ONM’tti himaniiru.

