Godina Lixa Harargee ona Xuulloo keessatti konkolaachiftoota baajaajii fi hawaasa baadiyaa doorsisuu jabeessan.
ONM – ABO – Amajjii 4, 2023 Murni bilxiginnaa bakka cufatti uggura sochii jechuun uummatni galgala daandii gubbaa akka hin deemne dhorkaa jiru magaalaa Hirnaa keessatti namoota sochii geejjibaan jiraatan hojii irraa dhorkuun rakkisaa jira.
Kaleessa Amajjii 3, 2023 godina Lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti konkoolaachiftoota baajaajiin sa’a 12:00 booda daandii gubbaa hin deeminaa jechuun akeekkachiisaa kan turan yoo ta’u, warreen kaaniin ammoo ajaja keenya dabartan jechuun akeekkachiisaa fi reebaa turan.
Akeekkachiisa kanaanis nama erga labsii kun ba’een booda uggura kana cabsuun deemu irratti tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan itti himan.
Oduma aanaa Xuulloon wal qabatuun kaabinootni fi waraanni bilxiginnaa aanichaa gandoota irraa milishootaa fi qonnaan bultoota biroo humnaan qabuun galma magaalaa Hirnaa erga qubachiisaniin booda leenjii gaachana sirnaa jedhu kennaafii jiraachuu maddeen magaalaa Hirnaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

