Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa fi gandoota isaa keessatti murni bilxiginnaa uummaata walgayii akkasumas eegumsa halkaniin dararaa jiru

Godina lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa fi gandoota isaa keessatti murni bilxiginnaa uummaata walgayii akkasumas eegumsa halkaniin dararaa jiru.

ONM – ABO – Sadaasa 16, 2022 Murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo godina Lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa ganda 01 fi 02 keesatti maqaa wal ga’iin uummata walitti qabuun halkan dabareen ba’aatii magaalaa keessan eeggadhaa jechuun uummata hoomaa of harkaa hin qabne rakkisaa jira. Waltajjii magaalattii keessatti dheengadda Sadaasa 14, 2022 irraa eegaluun uummata magaalaa cufa waaman iratti nuti TPLF waliin araaramneerra kanaan booda qe’ee keessan isintu eeggata jechuun namoota waltajjii hirmaatan bifa sodaachisaa fi dhaadannaan uummata goolaa oolan. Aanuma Xulloo araddaa Lubbu Qaqqab ganda Hiituu keessatti kaleessa Sadaasa 15,2022 caasaan bilxiginnaa dhukaasa ofii dhukaasuun uummata nagaa waan tokko keessa hin qabneen Waraanaa Bilisummaa Oromoo as keessa seensistanii dhukaasisaa jirtu jechuun namoota ganda sanaa hunda dararaa guddaa irraan geessisaa turan. Oromummaan farra Itoophiyaa ta’ee kan itti mul’ate murni bilxiginnaa akka waan dararamni uummaticha nagaa impaayerattii fidee barcuma siyaasaa isaanii tiksuufii danda’utti yaaduun ilmaan qaama siyaasa kam keessayyuu hin qabne baadiyaa fi magaalaa aanaa Xuulloo keessatti dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version