Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoota humnaan leenjiif waraanaatti ergaa jiraachuu fi saamichaa hammeessuun barame

Godina lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti waraanni murna bilxiginnaa dargaggoota humnaan leenjiif waraanaatti ergaa jiraachuu fi saamichaa hammeessuun barame.

ONM-ABO Fulbaana 6, 2022 Impaayeerri Itoophiyaa yeroo kufuuf qarree irra geessetti lubbuu ilmaan haadha hiyyeessaa lola isaan hin ilaalannetti erguuf ganda dhaloota isaanii osoo maatiin boo’uu murni bilxiginnaa qabee qalmaaf qopheessaa jira.

Haaluma kanaan lixa Harargee aanaa Xuulloo magaalaa Hrnaa keessatti gaafa Fulbaana 3,2022 irra eegaluun dargaggoota humnaan qabanii leenjii waraanaatti ergaa jiru.
Achuma magaalaa sana keessatti namoota gandoota baadiyyaa magaalitti irra gabaa dhufan waraannii fi milishaan sirinichaa wal ta’uun maqaa deggersa raayyaa ittisa biyyaa jedhuun hawaasa saamaa jiru.

Namoonni horii fi wantoota tokko tokko gurguratanii galan karaatti eeguun saamanii harka duwwaa galchu.

Ona Xuulloo araddaa Gammachiis keessatti waraana hedduu achi quubsiisuun dargaggoota humnaan adamsanii qaba kan jiranii fi sababa kanaan dargaggoonni hedduunis baqatanii magaalaa godinaa fi aanoota tokko tokkotti baqachaa kan jiran yoo ta’u, magaalaa Hirnaa keessatti ammoo galgala galgala eegumsa jechuun maanguddoon osoo hin hafin ala bulchaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version