Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Xuullloo keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa dararaa fi saamicha hammeessan

Godina Lixa Harargee aanaa Xuullloo keessatti waraanni fi dabballoonni murna bilxiginnaa dararaa fi saamicha hammeessan.

ONM-ABO Fulbaana 26, 2022 Ilmaan Oromoo Oromummaa Qofaan yakkuun saamichaa fi hidhaa hammeessuun miidhaalee garaagaraa kan raawwatu murni bilxiginnaa gocha isaa badii irraa osoo dhaabbatin itti fufee jira.

Haalu kanaan godina Lixa Harargee ona Xuulloo magaalaa Hirnaa keessatti torbee darbe murni bilxiginnaa qabeenya hawaasa Oromoo saamuunii fi hidhaa hammeessuun uummata onichaa dararaa jiru.

Itti dabaluunis Fulbaana 21, 2022 ona Xuulloo araddaa Kufaakaas jedhamutti nama maqaan isaa Qaasim Bakar jedhamu obbolessa keetu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira jechuun qabeenyaa isaa mana qorqorroo tilmaamaan 200 ta’uu jalaa barbadeessuun Sangaa isaa jalaa qalatanii nyaatan.

Waraanni bilxiginnaa kun obbo Qaasim Bakariin erga manaa dhabanii daa’ima isaa uleen reebanii miila cabsuu maddeen ona Xuulloo Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Magaalaa Hirnaa keessatti dheengadda Fulbaana 24, 2022 uummata magaalaa tumaa fi humnaan maallaqa namoota irraa saamaa akka turan dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version