Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti saamicha yoo hammeessan magaalaa Ciroo keessatti ammoo baasastoota gadhiisuun uummata hiisisaa jiraachuun dhagaa’ame

Godina Lixa Harargee aanaa Xuulloo keessatti saamicha yoo hammeessan magaalaa Ciroo keessatti ammoo baasastoota gadhiisuun uummata hiisisaa jiraachuun dhagaa’ame.

ONM – ABO – Sadaasa 25, 2022 Murni waggaa afur guutuu Oromoo keessatti lola banuun kaayyoo isaa galmaan ga’achuu hin dandeenye daandii ittiin uummata Oromoo darareen jilbeenfachisa jedhu cufa itti wal jijjiiree fayyadamuu itti fufeera. Wantoota uummata ittiin hiraarsu hunda akka tooftaa waraanaatti kan itti fayyadamu murni bilxiginnaa godina Lixa Harargee ona Xuulloo araddaa Lubbu Qaqqab keessatti abbootii araddaa saamicha uummataa irratti bobbaasisuun uummata harka qullaatti hambisaa jira. Kaabinoonni murna bilxiginnaa aanaa Xuulloo hogganaa araddaa Lubbu Qaqqab obbo Aschaaloo Taaddasaa Asaffaa waliin ta’uun uummata qabeenya qabuu fi qabnellee osoo adda hin baasin tokko tokkoon namootaa irraa hanga qarshii 25,000tti irraa fuuchaa konkolaataa kireessanii ittiin daldala midhaanii fi jimaa geggeessaa jiru.

Oduu biraatiin ammoo godinichuma bulchiinsa magaalaa Ciroo keessatti ammaa murni uummata Oromoo siyaasa isaaf shakku baasastoota leenjisee magaalaa Ciroo keessatti gadhiisuun ittiin namoota qabanii hidhu. Basaastotni magaalaa Ciroo keessatti akka sabboontota ilmaan Oromoo badaasaniif gadhiifaman kun hojiiwwan garaagaraa kanneen akka hodhaa uffataa, mana nyaataa, lafa buna fi shaayee akkasumas jimaa daldalaa fi waliin qama’aa sochii magaalichaa fi uummata magaalaatti caasaa isaan bobbaaseef gabaasuun kan hidhamu hiisisaa fi kanneen biroo ammoo hordoffii cimaa irraan ga’aa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessaa Oromiyaa gabaasaniiru.
Akka maddeen jedhanitti namootni bifa adda addaan of dhoksanii hojjechaa jiran ilmaan Oromoo qabsiisaa fi butanii dhabamsiisaa waan jiraniif sabboontotni magaalaa Ciroo akka of eeggattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Exit mobile version