Ona Xuulloo fi Doobbaa keessatti saamichaa fi reebichi uummata nagaa irratti raawwatu cimee itti fufe.
ONM-ABO Fulbaana 19, 2022
Dheebuu aangoo isaa ba’achuu kan dadhabe piroojektiin habashootaa Abiy Ahimed waraanaa fi dabballoota isaa dantaa bubbuutuun machaa’an uummata nagaa gidduutti bobbaasuun godina Lixa Harargee ona Xuulloo fi Doobbaa keessatti uummata irraan dararaa geessisaa jira.
Ona Xuulloo keessatti dheengadda Fulbaana 17, 2022 irraa eegaluun ona Xuulloo magaalaa Hirnaa fi araddoota baadiyaa keessatti maallaqa deggersa raayyya ittisa impaayeera Itoophiyaa jechuun saamichaa fi warreen hin qabnu jedhan reebanii hidhaatti darbaa jiru.
Araddoota ona Xuulloo keessa araddaa Gammachiis keessatti poolisoota humna addaa, milishoota fi dabballoota ramaduun maallaqa guuraa fi maqaa Waraana Bilisummaa Oromootu seene jedhuun naannoo Killaa irratti milishoota ramaduun hawaasa galaa fi ba’a dhorku.
Godinuma Lixa Harargee ona Doobbaa keessattis rakkoon hamaan waraanaa fi dabballoota sirnichaan kan qaqqabaa jiru ta’uu maddeen ibsuun saamichaa fi reebichaan cinaatti dargaggoota umriin isaanii hin geenye maatii jalaa qabanii leenjii waraanaatti ergaa jiraachuu dabaluun addeessaniiru

