Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Matakkal aanaa Dibaax fi Bulan keessatti dararaan ilmaan Oromoo irratti raawwatamu jabaate

ONM-ABO Adoolessa 21, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo Oromiyaa irraa cituun mootummaa naannoo Beenishaangul Gumuz godina Matakkal jala galfaman, sanyummaan adda baasuun reebicha, saamichaa fi hidhaa irratti geggeessan jabeessanii jiru.

Akka kanaanis godinicha keessaa aanaa Dibaaxii fi Bulan keessatti ilmaan Oromoo dararaa himuun ulfaatu waraana faashistii PP’n keessummeessaa jiru.
Gandoota aanaalee kanneenii keessa ilmaan Oromoo jiraatan saamichi qabeenyaa, maallaqaa fi horii irratti raawwachaa kan jiru yoo ta’u, manneen isaaniis badii tokko malee waraana kanaan gubachaa jira.

Ilmaan Oromoo waan ta’aniif xiyyeeffatamanii ajjeefamuun alatti daa’imman, shamarranii fi maanguddoo jechuun osoo adda hin foo’in hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhamuun reebichi jabaan irratti raawwata.

Maatiin ijoolleen isaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’an ammoo xiyyeeffatamuun funaanamanii hidhamaa fi achi buutee dhabamsiifamaa akka jiran maddeen godina Matakkal Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version