Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraanni murna faashistii PP nama tokko ajjeesan

ONM-ABO Adoolessa 24, 2023

Murni ilmaan Oromoo dhiiga dhangalaasuun gadaa aangoo isaa dheereffachuu barbaadu, Oromiyaa bakka cufatti yakka tokko malee lubbuu namootaa balleessuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Yaayyaa Haroo ganda Qundii keessatti Adoolessa 21, 2023 galgala dubartii haadha ijoollee tokko yakka tokko malee ajjeessan.

Dubartiin waraana faashistii PP’n ajjeefamte kun aadde Muluu Tolchaa kan jedhamtu yoo taatu, mana jireenyaa ishee keessa nagaan osoo maatii ishee waliin jiraachaa jirtu humni badii ol itti seenanii  qabuun ajjeessanii gatan.

Aanaa Dagam gandoota adda addaa keessatti ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi manneen hawaasaa gubuun waraana faashistii PP’n raawwachaa ture, ammas itti fufuu kan dubbatan maddeen,  murni bilxiginnaa fedhii aangoo irra bubbuluu qabuuf hawaasa Oromoo jiilchuuf raawwachaa waan jiruuf uummatni Oromoo tokkummaan dura dhaabbachuu qaba jechuun yaada isaanii nuuf qoodaniiru.

Exit mobile version