Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Shaggar Aanaa Dagam keessatti Maanguddoon Oromoo tokko waraana faashistii bilxiginnaan ajjeefaman

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2024

Faashistoonni murna PP dhala namaaf kabaja namummaa hin qabne ilmaan Oromoo daa’ima, dargaggeessaa hanga manguddootaatti rasaasaan lubbuu obbaasaa oolan, labsii duguuggaa sanyii koloneel Abiy Ahimed Oromoota irratti labse milkeessuuf lubbuu lammiilee nagaa akka baala muksatti harcaasaa jiru.

Sirni badee balleessaan gochoota diinummaa kanneen akka saamicha, hidhaa, ajjeechaa, manneen namootaa abiddaan barbadeessuu fi uummata nagaa qe’ee irraa buqqisuun jiruu hiyyummaaf saaxilaa jiran ammas kan  yeroo kamuu caalaatti Oromoota irratti hammeessanii jiru.

Waxabajjii 22, 2024 tiksitoonni impaayera Itoophiyaa Kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Faajjii Ejersaa keessatti nama tuttuqaa siyaasaa kamirraa walaba ta’e maanguddoo maqaan isaanii Obbo Taaddasaa Jiruu jedhaman abbaa maatii kan ta’an gaaffii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii deemuu jiraattoonni onichaa ONM’tti himan.

Maanguddoon kun kan ajjeefame badii qabaatee osoo hin taane, tarkaanfii waraanni bilisummaa Oromoo waraana faashistii PP irratti fudhateen booda, kasaaraa humnaa fi qabeenya waraana bilxiginnaa irra ga’een aartee nama nagaa kana ajjeesuu namootni ijaan argan ni dubbatu.

Ajjeechaa akka feetee ergamtoota sirna nama nyaataa bilxiginnaan guutuu Oromiyaa  keessatti hawaasa nagaa   irratti raawwachaa jiru gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha

Exit mobile version