ONM- ABO Adoolessa 28, 2023
Erga mooraan Hospitaala Dambii Doolloo harka murna maafiyaa PPtti kufee dantaaf jecha namootni caasaa soddummaa, lagaa fi gandaan wal ijaaruu eegalanii as lubbuun namoota yaala barbaachuuf dhaqanii hedduun osoo yaalamanii fayyuu danda’anii yaala ga’aa dhabuun darbaa jira.
Hospitalli Waliigalaa ispeeshaalayizdii Dambii Doolloo, mana itti haadhi ulfaa da’uu deemtu duutee baatu ta’uu fi namootni baay’ee dhibee irraa fayyuu dadhabuun keessatti rakkachaa jiran akkasumas qoricha manneen yaalaa dhuunfaa irraa maallaqa guddaan bitaa jiranitti aaruun hawaasni magaalaa Dambii Doolloo komii guddaa kaasaa jira.
Keesaayuu haadhi ulfaa aadde Ammasuu Taasisaa jiraattuu aanaa Sayyoo ganda Yangii taate Adoolessa 24, 2023 hordoffii ulfaaf Hospitaala Dambii Doolloo deemtee, achittis erga qorannoon taasifameefii booda dhibee busaa cimaan akka qabamtee jirtuu fi sababii dhibee busaa kanaafis mucaan garaa ishee keessa jiru akka jalaa miidhamee jiru itti himamee Hospitaala ciiste.
Dhibeen busaa kun fayyaa isheef yaaddoo waan ta’eef qoricha busaa “Artesunate” jedhamu hidda dhiigaan kennamu hatattamaan jalqabuu akka qabdu itti himame.
Haa ta’u malee qoricha sana mallatteessee baasisuu kan danda’u, itti gaafatamaa Hospitaala sanaa kan ta’e Dr Ittafaa Zawudee nama jedhamu yommuu ta’u, namni kunis qoricha yeroon kennamuu qabu kana dhorkachuudhaan akka haadhi kun sa’a 24 qoricha malee turtu taasisuun, lubbuun haadha kanaa darbuuf shoora isaa ba’e.
Utuu qorichi kun bifa gargaarsaan uummataaf dhufuu, haadhi kun qoricha kana dhorkamtee du’uu isheetti, ogeessotni Mooraa Hospitaala Dambii Doolloo baayyee kan gaddan yommuu ta’u, nama yakka kana raawwates bakki itti gaafatamummaaf dhiyeessan dhabuun kan baay’ee abdii nama kutachiisuu dha jedhu ogeessotni kun.
Itti dabaluunis, dargaggeessi jiraataa aanaa Sayyoo ganda Guutee Sooyyomaa ta’e, yaalamuuf hospitaala seenee utuu gara kutaa baqaqsaatti deemuu karaatti yeroo waraanni PP fuudhanii ba’uun lafa hin beekamnetti yommuu geessan, gaggeessitootni mooraa sanaa akka nama hin arginee fi hin dhageenyetti bira darbuu isaaniis kaasuun adeemsi mooraa sana keessa jiru sirrii akka hin taane ibsu.
Ogeeyyotni moorichaa kaffaltiin hojii galgalaa hojjettoota fayyaa hospitaala sanaaf utuu hin kaffalamin ji’a 3 kan guute ta’uu ibsuun, sababa kanaafis qaala’insa jireenyaa jiruun wal qabatee ogeessotni fayyaa rakkoo keessa jiraachuu fi ogeessotni kun maaliif nuuf hin kaffalamu jedhanii gaaffii yoo kaasanis, tikoota sirna bilxiginnaa mooraa sana keessa jiraniin doorsisni irra ga’aa jiraachuu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

