Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaa mooraalee hedduurra kaadhimamtoota barnoota waraanaa fi siyaasa barsiisa ture eebbisiise

ONM-ABO Adoolessa 29, 2023

Irree fi abdiin uummata Oromoo tarkaanfi humna diina irratti fudhatu cinaatti gurmuu isaa jabeessuuf golee Oromiyaa hedduu keessatti qeerroowwan barnoota Waraana fi Siyaasaan kuule dirree qabsootti bobbaasa jira. Haaluma kanaan ji’oota darbaniif barnoota Zoonii giddu galaa mooraalee leenjii garagaraa kaaba fi lixa Shaggar keessatti barsiisaa fi leenjisa kan ture torbanoota darban kana keessa haala abdii fi hamilee uummata Oromootti horuun eebbisiise irbuu galchuun dirree qabsootti bobbaasa jira.

Eebba zoonii Giddu galaa bakkee garagaraatti raawwate kana irratti Miseensa Koree Hojii raawwachiistu ABO WBO fi ajajaa WBO Zoonii Giddu galaa Jaal Sanyii Nagaasa dabalatee qondaalotnii fi miseensotni waraana Bilisummaa Oromoo akkasumas bakkee hawaasni naannoo fi keessumootni kabajaa hedduun argamanitti haala hoo’aan raawwateera. Qondaalonni waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddu galaa sirna eebba kana irratti argamuun haasaa godhaniin uummatni Oromoo waan hunda dursa tokkummaa isaa tiksee, gama danda’uun qabsoo saba isaa cinaa hiriiruu akka qabu dhaammataniiru. Hawaasa Oromoo biyya keessaa fi alaa haala kam keessattuu qabsoo WBO gaggeessu cinaa dhaabbachuun tumsa godhanis galateeffachuun keessattu hawaasa Waraana Bilisummaa Oromoof dawoo ta’ee gurmuu WBO jabeessa jiranis “galanni keessan bilisummaa haa ta’u!”, jechuun dhaaman.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii giddu galaa bakkee garagaagaraatti eebbisiifame kun yeroo qabsoon Oromoo sadarkaa murteessa irra gahee jiruu fi uummanni Oromoo tokkummaa hin daddaaqne ijaarrachaa jirutti Miseensa WBO ta’uun marsaa seena qabeessaa fi adda kan isaan godhu yoo ta’u bu’uuruma kanaan maqaan marsaa isaaniis ‘Marsaa Murtii Tokkummaa‘ jedhamuun moggaafamu qondaalonni eebba kanneen irratti hirmaatan himaniiru.

Exit mobile version