Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni raayyaa ittisa impaayerattii lama fi milishaan tokko godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo irraa WBOtti makaman

ONM-ABO Hagayya 4, 2023

Murni faashistii PP impaayera Itoophiyaa keessatti nagaa jibbuun  humnoota waraanaa hedduu leenjisee namoota nagaa akka ajjeessaniif bobbaasus miseensonni waraanaa fi milishootni isaa dhiibbaa sirnichi namoota nagaa irratti raawwatu hubachuun goooticha Waraana Bilisummaa Oromootti dabalamaa jiru.

Haaluma kanaan dheengadda Hagayya 2, 2023 godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa Magaalaa muggii keessaa milishaan tokko yoo ba’u, mooraa magaalaa Seertuumii keessaa ammoo miseensonni raayyaa ittisa  impaayerattii lama hidhannoo guutuun WBOtti makamaniiru. Loltoonni kunneen meeshaalee waraanaa kilaashii turkii 2, dachaatuu 1, gumbii 6 fi  rasaasa 378 mooraa sirnichaa keessaa baasuun WBOtti  fidaniiru.

Miseensonni kunneen WBOtti makamuu isaaniitti gammaduun, ilmaan Oromoo achi keessatti hafanis sirnicha ganuun dafanii gara qabsoo bilisummaa Oromootti akka makaman dhaamsa dabarsaniifii jiru.

Exit mobile version