Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessaa caasaan murna bilxiginnaa gibira kaffalaa jechuun dirqiin uummata saamaa jiru

ONM-ABO Hagayya 5, 2023

Biyyi seera dinagdee uummata  biyyattii fayyadu qabdu, akkaataa itti galii hawaasaa osoo hin miine gama kamiinuu argachuu qabdu, baafattee kan hojjettu taatus impaayera akka Itoophiyaa abbaa irreen bultu keessatti garuu diimookiraasii fakkeessiin waan uummanni gochuu hin dandeenyeen rakkisuun baratameera.

Hagayya 1, 2023 godina lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti kaabinoonni murna bilxiginnaa caasaa waraanaa fi dabballoota isaanii fayyadamuun gibira humna isaanii olii kan galii isaanii guyya guyyaa giddu hin galeeffanne namootatti ramaduun qarshii 15,000 hanga 30,000tti humnaan kaffalchiisaa jiru.

Uummata ofiifuu qaalayinsi jireenyaa itti ulfaatee jirutti dirqiin maallaqa isaan kaffaluu hin dandeenye kaffalaa jechuun doorsisaa fi namoota maallaqa kaffalan dhaban ammoo ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabdu jechuun dararaa guddaa irratti raawwachaa akka jiran maddeen keenya Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version