Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina baha Wallaggaa aanaa Saassiggaa keessatti waraanni raayyaa ittisa impaayerattii dhaabbilee Hawaasaa buufata fayyaa cabsanii yoo saaman, Godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii keessatti ammoo dargaggoo tokko ajjeessan

ONM-ABO Hagayya 9, 2023

Oromiyaa keessatti dhaabbileen tajaajila hawaasaa kanneen akka buufata fayyaa, mana barumsaa, ibsaa, daandii fi bishaan qulqulluun waraana sirnichi leenjisee bobbaaseen manca’uu fi saamamuun tajaajilli dhaabbilee hawaasaa bakkoota hedduutti addaan cituun, uummanni rakkoo ulfaataa keessumeessaa jira.

Haaluma kanaan godina baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa buufata fayyaa bulchiinsa magaalaa Bareedaa keessatti Hagayya 6, 2023 waraanni rayyaa ittisa impaayerattii ona Saasiggaa irraa halkan gara magaalaa Bareedaatti bobba’uun buufata fayyaa yeroo dheeraaf uummanni itti fayyadamaa ture caccabsuun qorichootaa fi meeshaalee yaalaa hunda mancaasuu fi saamuun namoonni dhukkubsatan bakka itti yaalaman dhabanii rakkachaa jiru.

Oduu biraatiin godina Qellem Wallaggaa ona Gidaamii ganda Buttujjii keessatti waraanni shororkeessaan bilxiginnaa dargaggoo maqaan isaa Bulii Fufaa jedhamu torbee darbe hagayya 2, 2023 ajjeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsaniru.

Exit mobile version