Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhaabbanni gargaarsaa UNHCR baqattoota Oromoo biyya Somaalee Laand jiraatan Waraqaa beekamtii dhorkachuu maddeen gabaasan

ONM-ABO Hagayya 14, 2023

Dhiittaan bulchiinsa abbaa irree jiruu fi jireenya itti hammeessee dheessuun, ilmaan Oromoo hedduun biyya hambaatti godaananii jiruu baqattummaa dhandhamaa kan jiran hoggaa ta’u, gadadoon gabrummaa biyya abbaa isaaniitti madaa ciqilee itti taate biyya hambaattis duukkaa ce’uun, dhaabbileen mirga baqattoota addunyaa illee gurra irraa cufachuun rakkoon isaanii dhageettii dhabaa jira.

Oduuma kanaanis, dhaabbatni UNHCR baqattoota Oromoo biyya Somaalee laand keessa waggoota kurnan hedduutiif jiraatan keezii isaanii kuffisuun waraqaa beekamtii baqattummaa dhorkachuu maddeen himuun, kanneen dhiyeenya gara biyyattiitti baqatanis galmeessuu akka didellee himatu.

Akka maddeen jedhanitti sababni dhiibbaan kun kallattii dhaabbatichaan baqattoota kanneen irratti taasifamaa jiruuf, “isintu biyya of harkaa qaba, rakkoo tokkollee hin qabdan, rakkoon keessan yoo jiraates gara biyyoota alaa deemudha” kan jedhu ta’uu himuun, osoo baqattootni Oromoo waggoota kudhanii fi isaa ol biyyattii keessa jiraatan, baqattoota saboota biroo dhiyeenya dhufan galmeessanii beellama qabaniifi interview gochuun beekamtii kennaafii kan jiran ta’uullee dubbatu.

Dabalataaniis, walga’ii Koreen dhaabbata UNHCR fi qaamoleen nageenya biyyattii dhiyeenya geggeeffatan irratti, baqataan Oromoo rakkoo biyyaa isaan baasu hin qaban, isintu rakkoo nutti uumaa jira jechuun qaamoleen nageenya biyyattii koreelee dhaabbatichaatti dhaadataa turan.

Ilmaan Oromoo achi jiran yoo ibsan, rakkoo hamtuu dhaabbatichaan irra  ga’aa jiruun dararama hamtuu keessa waan jirruuf ilmaan Oromoo biyya keessaa fi biyya alaa jirtan, beektonni Oromoo dhaabbilee gurguddoo keessa jirtanii fi miidiyaaleen Oromoos kallattii garaa garaan birmannaa akka  gootaniif waamicha isaanii dabarfataniiru.

Exit mobile version