Baqattoonni Oromoo Kan Biyya Keeniyaa Kaampii UNHCR Kan Kaakumaa Keessa Jiran Balaa Hamaaf Saaxilamuu Himatu.
[SQ Mudde 4/2022]
Baqattoonni Oromoo Keeniyaa kutaa Kaaba Dhihaa Kaampii baqattummaa UNHCR Kaakumaatti argamu keessa jiran haalli qabiinsa isaanii akkaan yaaddessaa ta’uu Sagalee Qeerrootti himana.
Dhalataan Oromoo yeroo ammaa Kaampii baqattummaa keessa jiru, kan nuti rakkoo nageenyaatiif jecha maqaa isaa himuu hin barbaanne tokko akka jedhutti:
“Yoo xiqqaata gara namoota 29718 kan taanu kaampii keessatti gidiraa argaa jirra. Waan nyaannu, bakka bulluu fi waan keessa jiraannu dhabuu irraa kan ka’e, qorraa fi aduun waadamaa jirra” jechuun yaada isaa nuuf himee jira.
Namni kun akka jedhetti, mootummaan abbaa irree Xoophiyaa maqaa ABO Shanee jedhu nutti maxxansuun waan gidirfamaa turreef gara biyya oollaatti baqanne jedha. Yeroo ammaa kana ammoo namaa fi qaama nuuf birmatu dhabuun haala akkaan yaaddessaa keessa waan jirruuf uummanni keenyaa fi hawaasni idil-addunyaa akka sagalee nuuf ta’u barbaanna jechuun dhaamsa isaanii dabarfataniiru.

