ONM-ABO Hagayya 17, 2023
Har’a Hagayya 17, 2023 toora sa’a 11:00 irratti humni shororkeessaan Faannoo ilmaan Oromoo godina kaaba Shaggar aanaa Abbichuu ganda Gabaa Jimaataa irraa gara magaalaa Mandiibaa deemaa turan daandii gubbaatti eeguun uummata konkolaataa tokko butanii deemuun barameera.
Uummatni kun ganda Gabaa Jimaataa irraa ka’ee gara magaalaa Mandiidaa deemuuf naannoo Amaaraa magaalaa Dannabaa jedhamutti daandii geessu waan fayyadamuuf humnootni shororkeessoon kun gidduu sanatti uummata nagaan deemu dhuunfatanii jiru.
Namoota konkolaataa deddeebisaa uummataan ukkaamfaman kana keessa daa’imman, harmootii fi maanguddootni akkasumas dhukkubsattootni gara mana yaalaa deeman keessatti kan argaman yoo ta’u, hanga gabaasni kun qindaa’etti eessa akka geeffaman hin baramin jira.
Humna shororkeessaa kana jajjabeessaa kan ture bilxiginnaanis rakkoo hawaasa Oromoo irra ga’e kanaaf tarkaanfii fudhate hin qabu.
Torbee darbes gareen finxaalessaan kun magaalaa Mandiidaa seenee dhukaasa baneen namoota nagaa ajjeesee qabeenya barbadeessuun ni beekama.

