Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar keessatti sochii uggura geejjibaa fi lagannaa gabaa dhorkuuf murni bilxiginnaa jiraattota dararaa jiraachuun beekame

ONM-ABO Ebla 16, 2024

Uggura daandii fi lagannaa gabaa qeerroon bilisummaa Oromoo labse maaliif kabajjan jechuun guyyaa dheengaddaa irraa kaasee dararamaa jirra jechuun jiraattonni godina Kibba Lixa Shaggar aanaalee adda addaa dubbatu.

Bilxiginnaan garee faallaa uummata Oromoo ta’an ijaaree sochii konkolaataa hojitti seensisuun bulchiinsa magaalaa Wallisoo irraa deggertootaa fi leellistoota finxaaleeyyiii Amaaraa Faannoo gara magaalaa Finfinneetti bobbaasuun kan himamu yoo ta’u, warreen Oromoo ta’an ammoo hidhuu fi reebuun dararaa akka jirus dabaluun himan.

Sochii gara magaalaa Wal-qixxee, Daariyaanii, Ammayyaa fi Tullu-Boolloo keessatti konkolaataan saboota biroo eegumsaan yoo hojjechiisu aanota akka Sadeen Sooddoo, Qarsaa Maallimma, Sooddoo Daaccee, Tolee fi Daawoo keessatti ammoo barattoota dirqamaan gara mana barnootaatti ergaa jiraachuun beekameera.

Namoota sochii murna bilxiginnaa diduun lagannaa gabaa agarsiisaa jiranis miidhaa qaamaa fi qabeenyaa irratti taasisaa jiraachuu jiraattotni himan.

Exit mobile version