Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti hidhattootni garee maafi’aa PP dargaggoo nagaa tokko ajjeessan

ONM-ABO Hagayya 18, 2023

Shira siyaasaan  uummata Oromoo lafa Waraanni Bilisummaa Oromoo jira jedhameetti ajjeessee jiilchuuf akkuma karoora qaban, karooricha hojiirra oolchuuf Oromiyaa golee mara keessatti ajjeechaa namoota nagaa irratti hidhattootni garee faashistii Abiy Ahimed raawwachaa jiran hammaatee jira.

Namoota nagaa ajjeessuu aadaa kan godhatan hidhattootni kun lafa socho’an cufatti namoota nagaa siyaasa irraa bilisa ta’an irratti xiyyeeffachuu kan itti fufan yoo ta’u, lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Goroo keessatti dheengadda jechuun gaafa Hagayya 16, 2023 ganama dargaggoo Taammiruu Dhaabaa jedhamu mana maatii isaa biratti rasaasa itti roobsuun ajjeessan jedhu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa.

Dargaggoo Taamiruun barataa fi hojii qonnaa irratti bobba’uun maatii isaa tajaajiluu irratti akka argamu maddeen himuun, hidhattootni kunis gaaffii tokko malee akka ajjeessan dubbatu. 

Kana malees gandicha keessatti loowwan hawaasaa hedduus saamanii akka deeman dubbachuun, hidhattootni kun nageenya eeguu osoo hin taane saamichaaf nutti bobbaa’an jechuun hawaasni gandichaa miira aarii fi gaddaan guutameen yaada isaanii ibsaniiru.

Exit mobile version