ONM-ABO Hagayya 29, 2023
Maqaa nageenya uummataa eeguu jedhuun gareen maafi’aa PP waraana maaliif akka meeshaa hidhataniif iyyuu hin beekne kan gootummaa isaanii hawaasa nagaa irratti agarsiisan baayinaan bobbaasuun lubbuu namoota siyaasa kamiyyuu keessaa hin qabnee fi qonnaan bultoota ta’an guyyaa guyyaatti haala sukkanneessaan Oromiyaa golee mara keessatti naasuu tokko malee ajjeessaa oolu.
Haaluma kanaanis lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Falloo jedhamu keessatti Hagayya 26, 2023 ganama hidhattootni PP naasuu tokko uummata Oromoof hin qabne nama nagaa maqaan isaa Biraanuu Gaaddisaa Tolchaa jedhamu ajjeessuu jiraattootni ni dubbatu.
Biraanuun nama siyaasa irraa bilisa ta’ee fi hojii qonnaa dalaguun kan ofii fi maatii isaa jiraachisu ta’uu jiraattootni gandichaa ragaa kan ba’aniif yoo ta’u, gocha waraana faashistii PP kana irraa ka’uun sirnichi ilmaan Oromoo lafa irraa duguuguuf karoorfatee hojjachaa jiraachuu isaa mul’isas jedhaniiru.
Aanichuma ganda Sariitii Dhanquu, Jawwee Bonii fi Goroo keessattis torbanoota darban keessa namoota maqaan isaanii Taamiruu Dhaabaa, Galaanaa Dingataalam fi Tulluu Nagaasaa jedhaman haala sukanneessaan ajjeefamuu isaanii gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

