ONM-ABO Hagayya 18, 2023
Aanota lixa Wallaggaa keessatti ajjeechaa, hidhaa fi saamichi gochoota irra deddeebiin waraana murna faashistii PP’n raawwatamu yoo ta’u, gochi kun osoo hin dhaabbatin ona Qondaalaa keessatti itti fufuun qabeenyi uummataa waraana sirnichaan saamamuu fi haleellaa WBO’n magaalaa aanichaa fi gandoota baadiyyaa keessatti fudhachaa tureen caasaa isaanii diigame deebisanii ijaaruuf hojjeettoota dirqisiisuu akkasumas namoota maqaa garagaraa itti maxxansuun shakkanii hidhaan murtii malee yeroo dheeraaf mana hidhaa keessatti gidirsuun itti fufee jira.
Haaluma kanaan ona Qondaalaa keessatti waraanni sirnichaa kan magaalaa Gabaa Dafinoo keessa buufatanii jiran kufaatii dinagdee impaayerattii mudateen baajeta itti waraana isaa tajaajilu sirnichi waan dhabeef waraanni isaa guyyaadhaa gara guyyaatti ona Qondaalaa kana keessatti dunkaanota namoota dhuunfaa cabsuun saamuu fi meeshaalee daldalaa adda addaas fudhaatanii itti fayyadamaa jiru.
Oduu biraatiin onuma Qondaalaa kana keessatti namoota nagaa maqaa garaagaraa itti maxxansuun baatii 10 oliif hidhanii jiran hanga ammaa mana murtiitti osoo hin dhiyaatin dararamaa jiru. Namoota maqaan isaanii Dingataa Badhaasaa, Maammee Iliyaas Abdullaa,Tasfayee, Maammee Alii Waggaa kanneen jedhaman hidhaatti rakkiisaa jiru.
Hidhamtoota kanaan yakkii keessan sirna kana kuffisuu waan ta’eef qaama olii biratti ilaalama jechuun bulchiinsa aanichaa fi itti gaafatamaa waajjira nageenyaa aanichaatiin doorsifamaa jiraachuu fi Sheek Faaris Abarraa namoota Oromummaan yakkamanii baatii dheeraa dararamaa turan keessa dheengadda Hagayya 16, 2023 rakkoo fayyaa isaan mudateef gadhiisuu maddeen himaniiru.

