Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina lixa Wallaggaa ona Qondaalaa fi Jaarsoo keessatti waraanni bilxiginnaa namoota nagaa hidhuu jabeessan

ONM-ABO Caamsaa 27, 2023

Hundee siyaasaa fi bulchiinsa isaa ilmaan Oromoo irratti jabeessee gadi dhaabuuf, faashistichi Abiy Ahimed yeroo gara aangootti dhufetti manneen hidhaa impaayerattii keessaa Kan bara Wayyaanee ilmaan Oromoo keessatti dararamaa turan cufnee bakka daawwannaa fi muuziyeemii taasisuun dirree bashannanaaf olchina jechaa turuu dagachuun, waggoottan Shanan kana keessatti Ilmaan Oromoo kuma dhibbootaan lakkaawwaman hidhuu fi Kuma kurnootaan ammoo qe’ee irraa buqqisuun godaansisaa Jira.

Haaluma kanaan godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa gandoota garaagaraa keessatti Ilmaan Oromoo Hidhuu fi doorsisuun jabaatee Kan jiru yoo ta’u, gandoota akka Ashunfaa, Maree Suuqaa fi Baamsoo irraa namoota hedduu badii tokko malee waraana bilisummaa Oromoo nyaachistu, odeeffannoo kennituuf jechuun mooraa magaalaa Qondaalaatti hidhanii dararaa Jiru.

Namoota hidhamanii dararamaa jiran keessaa Kan maqaan nu qaqqabe; Guddataa Ciibsaa, Hasan Mohaammad, Qaaduu Guddinaa fi Haarun Baataa dabalatee namootni 50 ol hidhamuun hiraarfamaa jiraachuun beekame.

Oduuma wal fakkaatuun godina lixa Wallaggaa ona Jaarsoo waajjira poolisii magaalaa Jaarsoo keessatti ganda Libsoo Gorbaa irraa qabuun namoota obboo Mangistuu Gaarii, Jiijoo Gobbuu Fi obboo Mangistuu Qursuu jedhaman, namoota siyaasa Kam keessaayyuu hin qabne hidhuun hiraarsaa akka jiran jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version