Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Gidaamii ganda Abootee fi godina Bunnoo Beddellee keessatti namoonni nagaan afur waraana PP’n ajjeefaman

ONM-ABO Hagayya 30, 2023

Tarkaanfii jajjabaa gootichi waraana bilisummaa Oromoo golee Oromiyaa cufa keessatti waraana faashistii PP irratti fudhachaa jiru jala dhaabbachuu kan dadhabe, lammiilee nagaa ajjeessuu hojii isaa idilee taasifate.

Oduuma kanaan walqabatuunis, godina Qellem Wallaggaa aanaa gidaamii ganda Gabaa Facaasaa fi Soyii keessatti  tarkaanfii gootichi waraana bilisummaa Oromoo dheengadda Hagayya 28, 2023 lukkeen diinaa irratti fudhateen miidhaa guddaan kan irratti qaqqabe waraanni bilxiginnaa, aanichuma ganda Abootee jedhamu keessatti namoota nagaa Yooseef Jaatoo fi Addisuu Bulchoo jedhaman balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeessuun beekameera.

Kana malees nama Bulaa Danuu jedhamus rasaasaan ajjeesaniiru. 

Loltoonni sirnichaa WBO dura dhaabbachuu dadhaban kunneen bifa ijaa baafannaatiin uummata nagaa ajjeessaa, saamaa akkasumas qe’ee fi qabeenya isaa barbadeessaa kan jiran yoo ta’u, ganduma Abootee keessatti guyyuma kana nama Obbo Nabiyyuu jedhamu jalaas mana gubuunis himameera.

Oduuma ajjeechaan wal qabatuun godina Bunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa buufata 7ffaa keessatti dheengadda Hagayya 28, 2023 nama maqaan isaa Suudii Abdallaa jedhamu badii tokko malee uleen reebuun yoo ajjeessan, jiraataa buufata 4ffaa kan ta’e Kadir Adamee qabanii reebicha hamaa irraan ga’anii ajjeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version