ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Rakkoo impaayerattii mudatuuf fala kaa’uu irra Abiy Ahimed waqxii gannaa biqiltuu hedduu dhaabuuf karoora qabna jechuun addunyaa guutuu goyyomsuuf yaalus akkasumas rooban roobsa jechuun ololus qe’een uummata Oromoo rooba ga’aa dhabuun gammoojjummaan babal’atee beelaan miidhamaa jira.
Haaluma kanaan godina baha Harargee aanaa Kurfaa Callee keessatti hawaasni aanichaa gandoota cufa irraa balaa hongeen uummanni miidhamee jiraachuu kan kaasan maddeen, yeroo ammaa namni qonna malee akka jiruu fi wanta nyaatus dhabuun ilmaan jalaa miidhamaa jiraachuu dubbatu.
Gandoota aanichaa roobni haalaan dhibamuun namoonni miidhamaa jiran ganda Aduu Baay’ee, Arreele Haraas fi Gabiibaa jedhaman yoo ta’u, gandoota kanneen keessatti rakkoo hongeen uumeen oomishni dhibamee gatiin midhaanii qaala’uun boqolloon kuntaalli tokko qarshii 5000-6000tti gurguramuun uummatichi humna gabaa waa bitu dhabuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

