ONM-ABO Onkoloolessa 24, 2023
Godina Harargee Bahaa aanaa Kurfaa Callee Araddaa Aduu Amma Baatee keessatti kaadirootni PP uummata dararuu itti fufuun, maatii ilmaan isaanii jireenya mo’achuuf jecha biyya hambaa jiran ijoolleen keessan biyya hambaa Osoo hin taane WBO keessa jirti, achitti leenjii fudhatanii nu haleelaa jiru kanaaf ilmaan keessan fidaa jechuun hiraarsaa jiraachuu maddeen himan.
Oduu biraatiin ammoo aanuma Kurfaa Callee araddaa Alamduroomitti kaadirootni sirnichaa koonfireensii nageenyaa fi misoomaa jechuun walga’ii gaggeeffachaa turuu kan himan maddeen, walga’ichaanis sagantaa fi tooftaa ittiin sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii dhabamsiisuun danda’aamu irratti dudubbachaa turuu isaaniis gabaasan.
Walga’iin kun bakka hoogganaan waajjira nageenyaa aanaa Kurfaa Callee Obbo Umar Jundii, hoogganaan waajjira poolisii aanaa Koomander Abdiisaa fi dabballee PP aanichaa obbo Muzammil Aliyyii jedhaman argamaniitti kan gaggeeffame fi jarreen kunneen uummatatti dhaadachaa turuu maddeen dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

