ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Humni finxaalessaa Amaaraa maqaa Faannoo fi Hizbaawwii Haayiliin socho’u karoora lafa babal’ifannaa fi saboota biroo irratti olaantummaa argachuun biyya ofii akka fedhe gochuu barbaadan uumuu fedhu galmaan ga’uuf tarkaanfii ilmaan Oromoo naannoo isaanii jiranii fi waliin jiraachaa jiran irratti fudhatan bifa haaraan karoorsanii hojjechaa jiraachuun barameera.
Dheengadda Hagayya 30, 2023 irraa qabuun humnootni finxaaleyyii godina Gilgel fi Matakkal irraa walitti dhufuun maree uummata Oromoo godina Matakkal aanaa Bulan, Dibaax fi Wanbaraa keessaa buqqisuuf uummata Shinaashaa waliin ta’uun hojjechaa jiru.
Hojiin isaanii mootummaa naannichaa jala dhokachuunii fi namoota gocha isaanii dhoksaniif caasaa mootummaa sadarkaa hundaa keessa jiran irraa qabaachuutu dubbatama.
Marsaa kanaan milishoota naannichaa waliin humnootni Faannoo kun qindaa’uun uummata Oromoo naannichaa keessaa buqqisuun qabeenya isaa saamuu walga’ii yeroo darbe magaalaa Baahir Daaritti godhataniin booda hojiitti galuuf qophaa’uu ilmaan Oromoo godinichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

