ONM-ABO Fulbaana 25, 2023
Gareen finxaalessaa Amaaraa sochii isaanii babal’ifachuun hojii hammeenyaa ilmaan Oromoo irratti hojjechuu kan itti fufan yoo ta’u, tibba kana mootummaa naannoo Beenishangul Gumuz magaalaa Baambaasii keessatti uummata Oromoo doorsisuu jalqaban.
Gareen finxaalessaan kun gocha badii lubbuu namootaa jumlaan ajjeesuu Oromiyaa bakkoota tokko tokkotti raawwachaa jiru babal’ifachuun Oromiyaan alattis Baambaasii keessatti ofi ijaaruun hawaasni Oromoo Oromummaa isaa akka calaqqisiisne doorsisaa akka jiran kan himan maddeen, namootni kunneen hidhata isaanii godina Matakkal keessaa fi Goojjam waliin taasifachuun tarkaanfii biroottis akka ce’uuf jedhan dabaluun ibsan.
Humnootni finxaalessaan kun mootummaa Beenishangul Gumuz godina Matakkal aanaa Dibaaxii fi Bulan keessatti ilmaan Oromoo ajjeesaa fi qe’ee irraa buqqisaa akka turan kan beekamu yoo ta’u, godinicha keessatti bakka baay’atanii jiranitti gochoota badii isaanii Kan jibbiinsa Oromummaa of keessaa qabu raawwachuuf akka jiran sochii isaan taasisaa jiran irraa hubachuun danda’ameera.

