ONM-ABO Mudde 6, 2023
Impaayera Itoophiyaa keessatti uummata Oromoo humnaan siyaasa isaanii fudhachiisuuf jecha aanga’ootni sirnichaa abbaa irrummaa isaanii itti agarsiisuun lubbuu namootaa baasuu dabalatee bakkeewwan deeman hundaatti saamicha qabeenyaa fi gubaatii manneen qote bulaa irratti adeemsisaa jiru.
Bifuma kanaan Kibxata kaleessaa Muddee 5, 2023 lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu kaarraa irraa Waraanni faashistii PP gara ganda Waandii Daallee deemuun dargaggoo maqaan isaa Waannaa Tokkollaa jedhamu abbaa daa’ima tokko bakka addaa Konshii jedhamutti qe’ee isaa biratti yakka tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesanii reeffa maatii dhorkachuu maddeen keenya ONMtti himan.
Oduu biraatiin ammoo lixa Wallaggaa aanaa Mana Sibuu ganda Amuumaa jedhamu keessaa Waraanni humna addaa Beenishangul Gumuz ajaja Abiy Ayimadiin bobba’aan daangaa uummata Oromoo cabsuun seenanii obbo Bakaree Magarsaa jalaa mana 2 gubuun qabeenyaa uummataa hedduu saamanii deemuun beekame.
Wal dhabdee guddaa yeroo ammaa daangaa irraan uumamee jiruun jiraattonni ganda Amuumaa fi gandoota akka Guunfii buqqaa’anii rakkoo keessa akka jiran maddeen gamasii Arraata Biyyoolessa oromiyaatti himaniiru.

