ONM-ABO Fulbaana 1, 2023
Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoo murna abbaa irree dhufaa darbaan hiraarfama hamaa arguun badii homaa osoo hin qabaatin rakkoo dinagdee fi hawaasummaan dararamuun alatti hidhaa, ajjeechaa fi lola isaan hin ilaallannetti hirmaachuun lubbuu dhabuu itti fufanii jiru.
Haaluma kanaanis godina Kaaba Shaggar aanaa Sulultaa magaalaa Caancoo keessatti namoota jumlaan hidhuun gariin ammoo siyaasa fakkeessuun erga qabaniin booda mooraa leenjiitti ergaa jiraachuu fi namoota hidhaman maallaqa 100,000 hanga 200,000 harkaa fuudhuun gadhiisaa jiraachuun ifoomera.
Oduma wal fakkaatuun Kaaba Shaggar aanaa Moloo keessatti abbaa maatii kan ta’e obbo Tashuulee Tasfuu mana hidhaatii baasuun ajjeessuu fi namoota tilmaamaan 1000 ol ta’an baadiyyaa fi magaalaa aanichaa irraa butuun mooraa leenjiitti akka ergan maddeen Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himaniiru.

