ONM-ABO Fulbaana 2, 2023
Godina baha Harargee aanaa Kurfaa Calllee magaalaa Daawwee keessatti guyyaan Roobii guyyaa gabaa qonnaan bultootni waan garaagaraa gabaa baasanii gurguratan yoo ta’u, Roobii dheengaddaa sababa waraanni fi caasaan bilxiginnaa daandii cuccufeef daldaltootni horii isaanii gatii sirrii akka hin gurguranne ta’ee jira.
Aanaa Kurfaa Callee magaalaa Dawwee irraa daldaltootni horii gatii fooyya’aan bituun magaalota Itoophiyaa kanneen akka Finfinnee, Dirree Dhawaa, Harar, Uummattoota kibbaa, Soomaaleetti akkasumas biyyoota ollaa kanneen akka Soomaaliilaand, Soomaaliyaa, Jabuutii fi kkf itti geessuun qonnaan bultootni irraa fayyadamaa kan turan yoo ta’u guyyaa sana dhiibbaa murni bilxiginnaa taasiseen osoo hin bitin hafuun qonnaan bultootni gatii gadi aanaan hawaasa naannootti akka gurguratan ta’ee jira.
Gabaa guyyaa Roobii kanatti hawaasa aanaa Kurfaa Callee dabalatee aanota ollaa kanneen akka Haramaayyaa, Qarsaa fi Gurawwaa irraa Sangoota fidanii haala gaariin gatii fooyya’aatti gurgarachaa kan turan yeroo ta’u, guyyaa sana garuu qaamni bitu dhabamuun gatiin sangoota kanaa baay’ee gadi bu’uu fi irraa bitamaa akka hin turre qonnaan bultootni himan.
Oomishaa fi gabaan wal quunnamsiisuun faayidaa qonnaan bultootaaf ni dhaabbanna jechuun carraa argataniin miidiyaan ololanis faayidaa siyaasa isaaniif hawaasni guyyaa gabaa akka gabaa hin dhufne sagale guddistuun bakkoota adda addaatti dhorkuun namoota mana nyaataa fi buna shaayee qaban kasaarsisanii beeku.

