ONM-ABO Fulbaana 2, 2023
Erga murni bilxiginnaa aangootti dhufee uummatni gidiraa himamee dhumuu hin dandeenye argaa jiru. Ajjeechaa fi hidhaan alattis saamicha qabeenyaa fi sochii namootaa daangessuun hammaatee jira.
Haaluma kanaanis Kibxata darbe Hagayya 29, 2023 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa magaalaa Iluu Hararii fi buufata 1ffaa keessatti qonnaan bultootni gabaa deemanii bittaa fi gurgurtaa akka hin geggeessine dhorkuun hawaasni akka waan fedhe bitatee hin galle waraanni faashistii PP jeeqaa jiraachuu jiraattonni dubbatu.
Daldaltootni guyyoota gabaa kaffaltii gibiraa loon tokkotti qarshii 300 fi Re’ee 1 irratti ammoo qarshii 50 akka kaffalan yoo taasisan, qonnaan bultootni dhaabii horii seensisanii osoo hin gurguratin baasanis maallaqa akka kaffalan taasifamaa jiraachuu jiraattotni himuun murni bilxiginnaa caasaa isaa diriirsee guyyaa gabaa jeeqaa fi dargaggoota fuula haaraa fi rifeensi kee guddaadha jechuun reebuun akka hidhu dabaluun ibsaniiru.

