Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Cawwaaqaatti hidhaan yoo jabaatu, Aanaa Daaboo Haannaatti ammoo uummanni gabaa akka hin deemne ugguramuun dhaga’ame 

ONM-ABO Fulbaana 21, 2025 

Jiraattota Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Caffee Magartuu kan ta’an namoonni maqaan isaanii:

  1. Badhaasaa Abdii,
  2. Ahimad Jaliilii,
  3. Obsaa Saanii,
  4. Badhaasaa Usmaan,
  5. Anas Ahimad, 
  6. Murteessaa Badirii,
  7. Misiraa Shaadalii,
  8. Faaxumaa Qaasim,
  9. Jamaaloo Aliyyii,
  10. Badrii Saaniyoo fi
  11. Usmaan Saanii 

kanneen jedhaman Fulbaana 17, 2025 loltoonni murna Bilxiginnaa maqaa sakata’insaan bobbaafaman uummata nagaa deggertoota Waraana Bilisummaa Oromooti jedhuun qabanii hidhaatti darbatanii jiraachuun ibsameera.

Hidhamtootni siyaasaa kunneen qonnaan bultoota ta’uun ala, hirmaannaa siyaasa dhaaba kamii keessatti deggeraas ta’e mormii akka hin qabne jiraattonni himuun, guyyuu jireenya isaanii fooyyeffachuuf olii fi gadi jooranii akka jiraatanis dubbatu.

Oduu biraatiin ammoo jiraattonni aanaa Daaboo Haannaa ganda Qobboo fi Ifabaas Coree maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, isaantu isin keessa oolaa fi loojistikii hojjettuuf jedhuun ganda isaanii irraa socho’anii gabaa akka hin deemneef loltoota Bilxiginnaan ugguramanii jiraachuu himu.

Keessattuu Fulbaana 17, 2025 loltoonni Bilxiginnaa daandii gubbaa dhaabbachuun namoota bulchiinsa magaalaa Tuulamaa gabaa deemaa turan irratti reebicha raawwatanii kanaan booda gara magaalaa kamiiyyuu deemnaan ni ajjeefamtu jechuun doorsisa irratti akka raawwatan itti dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version