ONM-ABO Hagayya 16, 2023
Murni qe’ee uummata Oromoo cufa keessatti nagaan akka hin jiraanneef gochaawwan faallaa seeraa raawwachuun uummatatti jireenya hadheessaa jiru, namoota nagaa irratti dhukaasuun gooluu fi ajjeessuu jabeessee jira.
Godina Buunnoo Buddellee aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifabaas Coree keessatti waraanni PP guyyaa kaleessaa Hagayya 15, 2023 uummata irratti dhukaasuun goolii erga uumaniin booda saamicha qabeenyaa raawwachuun doqdoqqee namootaas jalaa gubanii jiru.
Namootni doqdoqqeen jalaa gubate maqaan isaanii Miftaay Sheekaa, Jaafar Hubeeyid fi Allaamuddiin Abdallaa yoo ta’an, kanneen manni jalaa caccabe ammoo Abdallaa Saanii, Abdallaa Hasanee, Muusaa Ibraahimiidha.
Kana malees obbo Miftaahuddiin jalaa qabeenya saamuun Abdallaa Abbaas fi Adinaan Musxafaa hidhuun obbo Darajjee Qajeelaa, Abdallaa fi Wardii akkasumas aanuma Daaboo Haannaa ganda Tuulaa irraa Doktoree Abbaashikkii, Abbaa Guddataa fi ganda Qobboo irraa nama Daawwit jedhamu hidhanii jiru.

