Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa keessatti hidhaan itti fufe

ONM-ABO Hagayya 1, 2023

Waraanni fi caasaaleen murna faashistii PP Abiy Ahimediin aangoo irratti tiksuuf hojjechaa jiran qe’ee uummata Oromoo cufa keessatti dararaa hamtuu raawwachuu itti fufanii jiru.

Dilbata darbe Adoolessa 30, 2023 godina Buunnoo Beddellee aanaa Cawwaaqaa ganda Shimal Tokkee jedhamu keessatti waraanni faashistii PP halkan deemuun namoota nagaa mana keessaa baasanii reebicha erga irraan ga’aniin booda namoota sadii hidhanii jiru.

Namootni sadan ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromootiin hawaasa dammaqsitanii mootummaa irratti kakaasaa jirtu jedhamuun reebamanii qabamuun hidhaman maqaan isaanii jaarsa waggaa 65 Ibraahim Hassan, ilma isaa Badhaasaa fi hiriyaa isaa Kadir Usmaan kanneen jedhamaniidha, namoota kana badii tokko malee qabuun mana hidhaa aanaa Cawwaaqaatti dararaa jiru.

Aanaa Cawwaaqaa keessatti maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu, ni nyaachiftuu fi leeccalloo dhiyeessituuf jedhuun namoota doorsisuu, reebuu fi qabeenya isaanii saamuun jabaatee itti fufuu odeessi Arraata Biyyoolessa Oromiyaa qaqqabe ni addeessa.

Exit mobile version