Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Booranaa aanaa Mooyyaalee keessatti maatiin qabsaa’otaa waraana bilxiginnaan doorsifamuun itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 2, 2023

Godina Booranaa aanaa Mooyyaleetti PP’n maatii qabsa’ootaa gandoota irraa walitti qabuun waltajjii irratti doorsisaa turan.

Waltajjii jalqaba torbee kanaatti maatii qabsaa’otaa waliin taasisanii maatii qabsaa’otaa kanaan filannoo lama qofa qabdu, ilmaan keessan dafaa Waraana Bilisummaa Oromoo keessaa galchaa yoo kana hin gootan ta’e ajjeechaa waraana keenya irratti WBO’n raawwatuuf beenyaa lubbuu kaffaltu jechuun kallattii kaa’aniiruuf.

Namootni doorsifaman ilmaan isaanii waggaa 18tii olii fi of irratti amanamummaan qabsoo hidhannoo kan seenan ta’us, murni faashistii PP  karaa waraanaa fi caasaa isaa maatii quba hin qabne Oromiyaa golee mara keessatti doorsisaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version