Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caasaa diigame ijaarra jechuun godina Buunnoo Beddellee aanaa Daaboo Haannaa keessatti miseensota maatii tokkoo jumlaan waraanni faashistii PP hidhuun dhagaa’ame

ONM-ABO Fulbaana 4, 2023

Murni faashistii PP ilmaan Oromoo sababoota adda addaa uumuun dararuu kan hammeesse yoo ta’u, ilmaan Oromoo bakkoota cufatti hidhaa fi doorsisaan jireenya itti hammeessaa jiru.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Aaniwoo Gammoojjii keessatti kaleessa Fulbaana 3, 2023 waraanni shororkeessaan PP  maqaa caasaa murna bilxiginnaa ijaarraan miseensota maatii tokkoo jumlaan qabuun hidhaa galchuu maddeen ifoomsan.

Waraanni faashistii PP barii  barraaqaan gandichatti seenuun namoota maqaan isaanii Gammachuu suutumaa, Naggasaa Baqqalaa, Kennasaa Baqqalaa, Darajjee Suutumaa, Efreem Kennasaa fi Shugguxii Biraanuu jedhaman firoottan badii isaanii qabanii hidhuun dararaa jiru.

Sababni namootni kun firummaan walitti qabamanii akka hidhaman ta’eef ijoollee keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti, isaantu dhufee caasaa hojii bilxiginnaa diige jechuun akka ta’e maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Exit mobile version