ONM-ABO Fulbaana 5, 2023
Murni faashistii ilmaan Oromoo cufti siyaasaa fudhatanii akka deemanii fi yeroo fedhetti duulchisee yeroo hin barbaannetti ammoo teessisuu barbaaduu irraan kan kee dhiibbaa adda addaa raawwatus sun galma ga’uufii didnaan maqaa maallaqaa fi deggersa garaagaraan fayyadamaa jiranis fudhatamu argachaa hin jirani.
Guyyaa dheengadda Fulbaana 3, 2023 irraa eegaluun guyyaa afuriif godina Baha Harargee aanaa Gooroo Guutuu araddaalee adda addaa irraa dargaggoota walitti qabuun akka bulchiinsi amma aangoo irra jiru kan Oromoo ta’ee fi milkoomina akka argachaa jiran kaasuun, finxaaleyyiin Amaaraa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo aangoo Oromoo harkaa baasuuf hojjechaa jiru jechuun ibsaafii turan.
Haa ta’u malee yaada mareesistoota bilxiginnaa kan dhaggeeffatan dargaggootni aanaa Gooroo Guutuu, bara darbes akkasumas Juuntaa nuun jechaa dhiiga ilmaan keenyaa erga dhangalaasistaniin booda rakkoo keessan fiixattanii nagaa teessani. Haati baay’een garuu hanga har’aa boo’aa jirti jechuun isin duukka buunee duula deemnu hin qabnu jechuun yaada isaanii harkaa fashaleessanii jiru.
Caasaan murnichaa dargaggoota kanaaf qarshii 200 tokko tokkoon isaaniif kafaluun siyaasa isaan amansiisee galtee hojii abaaramaa isaa taasifachuuf carraaqus akka hin danda’amneef kan himan maddeen waltajjiin kun godina baha Harargee keessatti dargaggoota goyomsuuf itti fufee waan geggeeffamuuf dammaqiinsaan akka hordoftan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

