Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Harargee bahaa aanaa Malkaa Bal’oo Keessatti waraanni faashistii PP dararaa dargaggoota Oromoo irratti hammeessan 

ONM-ABO Fulbaana 29, 2023

Oromiyaan harka faashistootaa fi leellistoota Minilik erga seentee kaasee ilmaan ishee qaamaa qalbii miidhamuun bilisummaa dhugaa barbaacha qabsoo hadhooftuu geggeessaa Kan jiran yoo ta’u, ergamtootni dachee Oromiyaa irraa soorachaa maqaa Oromoo dha’aachuun aangoo of harkaa qaban uummatichatti maqaa adda addaa maxxansuun hidhaa fi ajjeechaa cinatti mirgoota uumamaa sarbuu jabeessanii jiru.

Fulbaana 27, 2023 godina Baha Harargee aanaa Malkaa Bal’oo Keessatti hogganaan bulchiinsaa fi nageenyaa maqaan isaa  Abdallaa Usmaanii fi  poolisiin saajin Masfiin Jedhaman dura bu’ummaan waraana bobbaasuun dargaggoota rifeensa dhedheeraa qaban qabuun reebicha ulfaataa irratti raawwachaa akka turan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ilaalcha waraana bilisummaa Oromoo qabduu fi kaayyoof akeekni Keessan waliin jira jechuun, namni Kam rifeensa guddisuu akka hin qabne Kan murteessan dabballoonni sirnichaa kunneen, manneen jiraattotaa cufa irra deemuunis galgala sa’a 1:00 booda namuu bakkeetti akka hin argamne akeekkachisuun daandii gubbaatti ba’anii dararaa jabeessanii jiraachuu jiraattotni ona Malkaa Bal’oo dubbatan.

Exit mobile version