ONM-ABO Fulbaana 6, 2023
Dargaggootni Oromoo waraana faashistii PPn ajjeefamuu, dirree waraanaatti geeffamuun akkasumas biyyaa akka godaanan taasisaa, gariin hojii dhabdummaan qorqalbii rukutanii arada adda addaa keessatti akka kufu gochuun cinaatti warreen qe’ee isaanii keessatti jireenya isaanii geggeeffatanii fi to’annoo maatii jala jiran osoo hin hafne sobaan yakkanii hidhaa jiru.
Godina baha Harargee aanaa Dadar keessatti dargaggoo maqaan isaa Esiyaaq Shaamee jedhamu maqaa WBO deggertaan himata manni murtiitti irratti banuun deddeebisaa turanis, manni murtii himata isaa kufaa taasisuun mirga wabiin akka gad lakkifamuuf murteessus hin ba’in akka jiru jiraattootni dubbatu.
Dargaggoo kana poolisootni aanaa Dadar gadhiifamuu hin qabu jechuun ajaja mana murtii cabsanii mana hidhaatti kan deebisan yoo ta’u, Oromiyaa bakkoota hedduun ilmaan Oromoo murtii mana murtii malee fedhii poolisii fi caasaa bilxiginnaa qofaan kanneen mana hidhaa keessatti dararamaa jiran hedduu ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

