Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa sadii godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo irraa waraana bilisummaa Oromootti harka kennatan

ONM-ABO Fulbaana 12, 2023

Hacuuccaa fi cunqursaa sirnichi ilmaan Oromoo irraan ga’uu fi yakkoota suukanneessoo guyyaa guyyaatti uummata nagaa irratti raawwatamaa jiran ijaan arguu jibbuun, miseensonni waraana raayyaa ittisa impaayera Itoophiyaa sabaan Oromoo ta’aan lammii keenyatti dhukaasuu irra lammii keenyaaf dhukaasuu wayya jechuun, mooraa diinaa diiganii ba’uun waraana bilisummmaa Oromooti makamaa jiru.

Haaluma Kanaan, godina Qellem Wallaggaa ona Anfilloo magaalaa Muggii, Ashii fi ganda Dollaa keessaa miliquun gooticha waraana bilisummaa Oromootti makamanii jiru.

Loltootni murna bilxiginnaa kunneen magaalaa Muggii irra Fulbaana 9, 2023, magaalaa Seertumii irraa fulbaana 10, 2023 akkasumas ganda Dollaa irraa ammoo Fulbaana 11, 2023 ba’anii Nagaan Waraana Bilisummaa Oromoo bira ga’uun beekame.

Loltootni kunis Magaalaa Muggii irraa Qawwee Turkii 1,  rasaasa 240 fi boombii 2,  magaalaa Seertumii irraa Dachaatuu 1 fi rasaasa 200, mooraa qabsoo bilisummaa Oromootiif yoo oolchan, ganda Dollaa irraa ammoo qawwee turkii 1, dachaatuu 1, boombii 2, fi rasaasa 260 mooraa qabsoo bilisummmaa Oromoof oolchanii jiru.

Loltoota kanaafis karaa Waraana Bilisummaa Oromoo simannaa ho’aan kan taasifameef yoo ta’u, dhuma irrattis ilmaan Oromoo meeshaa diinaa baachuun sirnicha tajaajilaa jiraniin meeshaa fi hidhannoo isaanii qabatanii gara mooraa qabsoo bilisummmaa Oromootti akka makamaniif dhaamsa isaanii dabarsaniiru.

Exit mobile version